41 Abbaan isaa waan isa eebbiseef, Esaawuun Yaaqoob jibbe. Inni gadhaa ifiititti, «Yennaan abbaan kiyya du’u dhikaatteerti; achiin duuba ani obboleessa kiyya Yaaqoob hin ijjeesa» jedhe.
42 Ribqaan ammoo marroo yaada Esaawu’uu yennaa dhageette, Yaaqoobitti ergitee, «Dhage’i, obboleessi keeti Esaawu si ijjeesee, haluu bayiisaaf yaadateera. 43 Tanaaf amma, ilma kiyya, waan ani siin jedhu godhi. Ka’iitii gara obboleessa kiyya Laabaanii ka Kaaraan keessa jiruu baqadhu. 44 Haga obboleessi keeti aarii caffatu yenna’aaf isa woliin turi. 45 Obboleessi keeti yennaa aarii caffate, waan ati isa goote hin dedha. Achiin duuba ani nama sitti ergee achii si deebisa. Ani maaf isin lamaanuu guyyaa tokkotti dhabaa?» jetteen.