17 Namichalle’een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef,
«Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti;
atille bara jiruu teetii mara
eloo guddo’oon irraa hin nyaatta.
18 Latti qore’ee fi qumi’uuduu si’iif hin baachi;
atille biqiltuu badda’aa nyaatta.