3 Yaaqoob37:3 Yaaqoob: Ka «Israa’el» jedhame. ilma dullummaa keessa dhaggate waan te’eef, ilmaan ifii mara caalaa Yoseef jaalate; inni qoloo seesa qaddu ta harka dheertu’uu hojjachiiseef. 4 Obboleeyyan isaa akka abbaan isaanii isaan mara caalaa isa jaalate yennaa dhaggane, isa jibbanee, dubbii nageyaa isatti dubbatuu hin dandeenne.
28 Worri Ishimaa’elootaa daldaltooti Miidiyaanii karaa saniin dabaraa turane; obboleeyyan Yoseefii boolla keessaa ol harkittee isa baattee, meetii diddamatti worra Ishimaa’elootaatitti gurguratte. Isaanille gara biyya Gibxi’ii isa geessane.