Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Dadaa 4

12 Yennaa lafa qottu, latti midhaan sii hin baachu; biyya lafaa irra baqataa daaqaleessa hin teeta» jedhe.

13 Qaayin deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Adabami kiyya ka ani ba’atuu dande’u caala. 14 Kunoo, ati adha lafa qotii irraa na ariiteerta; fuula keeti duraa dhokatuu qaba. Ani biyya lafaa irra baqataa daaqaleessa hin te’a; nami na dhagge martinuu na hin ijjeesa» jedhe.

15 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Akkasii moti. Nami tokko yoo si ijjeese, ani dachaa torba haluu isa hin baya» jedheen. Tanaaf Mootiin Waan Maraa nami Qaayin dhagge akka hin ijjeenneef, beessisa itti godhe. 16 Achiin duuba Qaayin Mootii Waan Maraa duraa bayee, addee oorruu Edeniitiin gara aduun baatu lafa, «Daaqiisa» jedhantu le’e.

Veja também