Yoseef Eennummaa Ifii Obboleeyyan Ifiititti Hime
1 Achiin duuba Yoseef worra isa bira dhaabbatu mara duratti ifi qabatuu dadhabee, «Namoota mara na irraa gad baasa’a» jedhee ajaje; yennaa Yoseef obboleeyyan ifiititti eennummaa ifii hime nami tokkolle isa woliin hin jiruuyyu. 4 Achiin duuba Yoseef obboleeyyan ifiitiin, «Gara kiyya dhikaadha’a» jedhe. Isaanille gara isaa dhikaatane. Innille isaaniin, «Ani obboleessa keessan Yoseef, ka isin gara biyya Gibxi’ii gurgurtane. 5 Waaqi lubbuu kolba’aa fayyisiisaaf, isiniin dura waan na ergeef, isin waan as na gurgurtaneef hin yaaddoyina’a yookiin ifitti hin aarina’a.
15 Yoseef obboleeyyan ifii mara sunqatee itti bowe. Tanaan duuba obboleeyyan isaa isa woliin haasowane.