Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Dadaa 45

5 Waaqi lubbuu kolba’aa fayyisiisaaf, isiniin dura waan na ergeef, isin waan as na gurgurtaneef hin yaaddoyina’a yookiin ifitti hin aarina’a. 6 Lafa irratti beelti haga buuteen amma woggaa lama; woggaa shanan ammalle dhufu’uu jirtu keessatti hin qotatanu, hin haammatanulle’e. 7 Kolbaan hedduun akka fayyituuf jiruu teessan fayyisiisaan, sanyiin teessan lafa irratti akka hattuuf, Waaqi isiniin dura as na erge. 8 Maarre ka as na erge Waaqa malee, isinii moti. Waaqi qondaala ol aanaa mooticha biyya Gibxi’ii, itti gaafatamaa mana mootummaa mootichaatii fi lafa Gibxi’ii duudii irratti bulchaa45:8 Bulchaa: Afaan Ibrootaatiin goottaa jedha. na godheera.

Veja também