Pular para o conteúdo
Publicidade

Gênesis 6

Hammeenna Hamootaa

1 Yennaa namooti biyya lafaa irratti heddatuu jalqabanetti, ijoolleen durraalle isaaniif dhalatane. 2 Worri «Ilmaan Waaqaa6:2 Ilmaan Waaqaa: Worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamane kun dada ol-gubba’aa yookiin sanyii Seetii yookiin bara san moototi ifiin, «Ilmaan Waaqaa» waan jedhanuuf, mootota gugurdoo te’uu dande’an.» jedhamanu ijoolleen durraa sun dadansaa akka teete yennaa dhaggane, isaan keessaa akkuma filatanetti niitii fuudhane. 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Namooti ka du’anu waan te’aneef, Ayyaanni Kiyya ka jiruu kennu isaan woliin haga bara baraa hin le’u; isaan woggaa dhibbaa fi diddama qofa le’an» jedhe.

4 Bara sanii fi bara saniin duuba, ijoolleen durraa ta namaatii fi worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu wolitti makamaneen worri dhalatane worri bineeyyiin6:4 Bineeyyiin: Afaan Ibrootaatiin Nefiliim jedha. jiraniiyyu; isaan bara durii namoota janna hunnaan nama caalanuu fi worra beekkamane.

5 Mootiin Waan Maraa hammeenni namaa lafa irratti attam akka bacate, yaadi isaanii yennaa mara marroo hammeennaa akka te’e dhagge. 6 Mootiin Waan Maraa lafa irratti nama daduu isaatitti gaddee, guddoo gaabbe. 7 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Isaan daduu kiyyatti waan gaddeef, namoota, horii, bineensota, waan lafa irra munyuuquu fi sinbirroota lafa irraa haxowee hin balleessa» jedhe. 8 Nohi ammoo Mootii Waan Maraa duratti fudhatama dhaggate.

Nohi

9 Nohi dhaloota san keessatti nama balchaa, ka komii hin qannee fi ka Waaqa woliin ideeme.

Veja também