13 Waaqi Nohiin, «Latti hunnaan wolitti ka’iisaan waan guutanteef, ani isaan mara lafa irraa balleessiisaaf murteeffadheera. 14 Ati muka dansaa irraa hoboloo guddittii huji; keessa isi’iititti kolloo kolloo baasi! Keessaa fi duuballe’een leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchi! 15 Dheerinna isi’ii meetira dhibba tokkoo fi soddomii sad, badhinna isi’ii meetira diddamii lama, hojjaa meetira kudhanii sad godhi. 16 Hoboloo guddittii san heellichoo itti godhi; heellichoo oddu’utti saantimeetira afurtamii afur addee duwwaa lakkisi; cinaa irratti balbala godhi. Hoboloo san hojjaa isi’ii jala, jiddu’uu fi gubbaa tolchii addee saditti gargar qoodi!
Publicidade
Publicidade