Publicidade

Gênesis 9

8 Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun, 9 «Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora; 10 akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora. 11 Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi’iitiin lafa irraa deebi’ee akka hin balleessineef, bisaan badi’ii ijjumaa deebi’ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-