8 Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun, 9 «Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora; 10 akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora. 11 Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi’iitiin lafa irraa deebi’ee akka hin balleessineef, bisaan badi’ii ijjumaa deebi’ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora. 12 Gondooroo ani isinii fi dada lubbuu qabu ka isin woliin jiruuf, dhaloota dhufu maralle’ee gondoore tanaaf beessisa kana kenna: 13 ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu’utti te’e hin teeti.
Publicidade