12 Mootiin Waan Maraa, «Ammumaayyuu, gadhaa keessan tokkochaan,
laamaan, bowaa fi gaddaan gara kiyya deebi’a’a!» jedha.
13 Gadda keessan mudhisiisaaf,
woyaa teessan tarsaasiis hin gewu;
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arjaa, mararaa,
mufi’iif ka hin ariifanne, ka jaalala bara baraa guddaa qabu,
adabiisaafille ka hin ariifanne, waan te’eef,
gara isaa deebi’a’a!