45 Filiphoos Naataanaa’el dhaggee, «Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineerra. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti» jedheen.
46 Naataanaa’el, «Naaziret keessaa wonni dansaan dhaggamuu dandeettii?» jedhee Filiphoos gaafate.
Filiphoos, «Koyiitii ilaali!» jedhee deebise.
47 Yesuus yennaa Naataanaa’el gara isaa dhufuun dhagge, «Kunoo, nami dhugumaan Israa’elichi, ka dharti tokkolle isa keessa hin jirre!» jedhee marroo isaa dubbate.
48 Naataanaa’el, «Eessatti na beetta?» jedhee gaafate.
Yesuus, «Filiphoos adoo si hin waaminuu, muka harru’uu jala jirtuunuu si dhagge» jedheen.
49 Naataanaa’el, «Barsiisa’a, ati Ilma Waaqaa ti! Ati mootii Israa’elii ti!» jedhee deebise.
50 Yesuus, «Yennaa ati muka harru’uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita» jedhe. 51 Yesuus itti dabalee, «Dhugaa isinitti hima: Ol-gubbaan banantee, ergantooti Waaqaa Ilma Namaa irra ol bayaa gad buutuun hin dhaggitan» jedheen.