Yesuus Miila Barattoota Ifii Dhiqe
1 Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba’aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te’ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme’eetittille isaan jaalate. 2 Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera. 3 Yesuus akka Abbaan baallii guutuu isaa kenneeru beeke; akka Waaqa biraa dhufee fi gara Waaqaalle akka deemu beeke. 4 Maarre inni irbaata irraa ka’ee, woyaa lafa keyatee, fooxaa ittiin haxowanu hidha ifiititti marate. 5 Achiin duuba inni bisaan qorii itti dhiqatanutti cossee, miila barattoota ifii dhiqee fooxaa hidha ifiititti marateeruun haxowe. 6 Simoon Pheexroos bira geyee jennaan, Simoon Pheexroos, «Gootta’a, sitti miila kiyya dhiqaa?» jedheen.
7 Yesuus isaan, «Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta» jedhe. 8 Pheexroos deebisee, «Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!» jedheen.
Yesuus deebisee, «Yoo ani miila keeti hin dhiqin, na biraa qooda hin qaddu» jedheen.
9 Simoon Pheexroos deebisee, «Gootta’a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!» jedheen.
10 Yesuus deebisee, «Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te’eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu’u; te’uu malee, isin marti qulqullu’uu moti» jedheen. 11 Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, «Isin marti qulqullu’uu moti» jedhe.
12 Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi’ee tee’ee, «‹Waan ani isinii godhe hubattanee?› jedhee gaafate. 13 ‹Barsiisa’a, Goottaalle› jettanee na waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san. 14 Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila keessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan. 15 Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te’eera. 16 Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu. 17 Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane.