13 Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha. 14 Waan mara maqaa kiyyaan yoo na gaafattane, ani hin godha» jedhe.
Marroo Ayyaana Woyyichaatiif Addii Kennante
15 Yesuus deebisee, «Isin yoo na jaalattane, ajaja kiyya hin eeggattan. 16 Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna.