Yesuus Awwaalame
38 Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya’aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te’eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos gaafate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe.