Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana’aa
1 Guyyaa sadeesso’oo qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu. 2 Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran. 3 Yennaa daadhiin woyni’ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni’ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.
4 Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu’uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.
5 Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha’a» jettee tajaajiltootatti hinte.
6 Yihudooti aadaa dhugeeffanna’aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande’an. 7 Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta’a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane. 8 Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa’aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa’a» jedhe. Isaanille isaaf geessane. 9 Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni’ii te’e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni’ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee, 10 «Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen. 11 Yesuus qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane.