Publicidade

João 2

Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe

13 Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe. 14 Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole’ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee’iisatti jiranuun dhagge. 15 Maarre inni lichee wodaro’oo dhowatee, isaan maraa, hoole’ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse. 16 Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa’a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko’oo hin godhina’a!» jedhee ajaje. 17 Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-