Yesuus, Maariyaamii Qachaa Magdala’aatitti Mudhate
11 Maariyaam goda awwaalaatiin ala dhaabbattee bowiisatti jirtiiyyu. Adoo bowiisatti jirtuu, gad jettee goda awwaalaa keessa ilaaltee, 12 ergantooti Waaqaa lamaan uffana adii uffatanee, addee reeffi Yesuusii dur jiru, tokkochi gara mata’aatiin, kuun gara miilaatiin tee’aneeranuun dhaggite. 13 Isaan, «Dubartii tana, maaf bootta?» jedhanee isii gaafatane.
Isiin deebittee, «Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!» jette.
14 Achiin duuba isiin garagaltee Yesuus achi dhaabbateeruun dhaggite; ammoo akka inni Yesuus te’e hin beenne. 15 Yesuus, «Dubartii tana, maaf bootta? Ati eennu barbaadda?» jedhee isii gaafate.
Isiin, nama oorruu eegu isa seetee, «Goottaa kiyya, ati yoo isa asii fuutee jiraatte, eessa akka isa keette natti himi, ani dhaqee isa fudhadhaa» jetteen.
16 Yesuus, «Maariyaam» isi’iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, «Rabbunii» jetteen; akkas jechuun, «Barsiisaa» jechu’u.
17 Yesuus, «Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba’aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara› jedhiitii isaanitti himi!» jedhee isi’itti hime. 18 Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdala’aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi’itti hime barattootatti hinte.