Pular para o conteúdo
Publicidade

João 21

Yesuus Barattoota Torbatti Mudhate

1 Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas: 2 Simoon Pheexroos, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, Naataanaa’el nami qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhibiin lamaan woliin jiraniiyyu. 3 Simoon Pheexroos, «Ani qurxummii guuriisa dhaqaara» isaaniin jedhe.

Isaanille, «Nuutille si woliin dhandhaa» jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne. 4 Yennaa aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te’e hin beenne. 5 Achiin duuba inni isaaniin, «Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?» jedhee isaan gaafate.

Isaan, «Waawwo’o» jedhanee deebisane.

6 Inni isaaniin, «Hobolo’oon gara middaatitti caccoo teessan buusa’a, hin guurattan» jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.

7 Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, «Gootta’aa be!» jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te’e yennaa dhage’e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya’aa utaale. 8 Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa callaa lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee’anee, gara qarqara abbaaya’aa dhufane. 9 Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo’oo fi qurxummii kashila cile’ee irra jirtu achitti dhaggane. 10 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Qurxummuma amma qabattane irraa fida’a» jedhe.

11 Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane.

Veja também