16 Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. 17 Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
18 «Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti.