3 Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo3:3Lammeessoo: Oli irraa hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande’u» jedhee deebise.
4 Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande’a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande’aa?» jedhee Yesuus gaafate.
5 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande’u. 6 Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana. 7 Waan ani, ‹Lammeessoo dhalatuu qaddan› si’iin jedheef hin masoonfatin. 8 Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi’ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.