Pular para o conteúdo
Publicidade

João 4

46 Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni’ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessaa, deebi’ee dhaqe. Qondaalli mootumma’aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu.4:46 Yoh. 2:1-11 47 Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila’aa akka dhufeeru yennaa dhage’e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du’iisa geyeeru fayyisuuf isa gaafate. 48 Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen.

49 Qondaaltichi mootumma’aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du’in maganne’ee koy!» jedheen.

50 Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen.

Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme. 51 Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane. 52 Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o’ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane. 53 Achiin duuba abbaan muca’aa saatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane. 54 Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila’aa deebi’ee dhufee, lammeessoo huje.

Veja também