Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Yohaannisii 6

32 Yesuus, «Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse’ee moti; ka sagalee dhuga’aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya. 33 Sagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu» jedheen.

34 Isaan, «Gootta’a, sagalee tana yennaa mara nu’uuf kenni» jedhaneen.

35 Yesuus isaaniin, «Sagaleen jiru’uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka natti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também