48 Sagaleen jiru’uu ana. 49 Abbootiin teessan lafa goomole’ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te’uu male duute. 50 Sagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana. 51 Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe.