53 Yesuus isaaniin, «Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu. 54 Nami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme’ee du’a keessaa isa hin kaasa. 55 Foon kiyya sagalee dhuga’aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga’aa ti. 56 Ka foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha. 57 Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba’aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata. 58 Sagaleen ol-gubba’aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata» jedhe.
Publicidade