Pular para o conteúdo
Publicidade

João 6

6 Inni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu.

7 Filiphoos, «Daabboon mindaa ji’a saddeetiille6:7Mindaa ji’a saddeetii: Dinaara dhibba lama diqquma diqqoolle’een isaan mara hin geettu» jedhe.

8 Barattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii, 9 «Mucaan tokko ka daabboo garbu’uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu» jedheen.

10 Yesuus isaaniin, «Kolbaa teessisa’a» jedhe. Marra gudda’atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette. 11 Yesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galateeffatee, kolbaa achi tee’iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche. 12 Isaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, «Hambaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba’a» jedhe. 13 Maarre isaan xaltaa daabboo garbu’uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hambaa hatte wolitti qabanee kollonjoo kudhanii lama guutane.

Veja também