Publicidade

João 8

4 Yesuusiin, «Barsiisa’a, dubartiin tun gaarayyeeffata irratti qabanteerti. 5 Muuseen Seera keessatti dubartiin akkasii tun dhaka’aan tumantee akka duutu ajajeera. Ati amma maan jetta?» jedhane. 6 Isaan sababa ittiin isa himatanu dhaggatiisaaf, Yesuus xaqariisaaf8:6Xaqariisaaf: Qaxafiisaaf tana jedhane. Inni ammoo gad jedhee qubaan lafa irratti barreessuu jalqabe. 7 Isaan ittuma deddeebi’anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, «Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi’itti qolaansuu ti» jedhe. 8 Achiin duuba inni ammalle gad jedhee lafa irratti barreesse. 9 Isaan yennaa tana dhage’ane, jaarsole’een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe. 10 Inni ol jedhee isi’iin, «Dubartii tana, meet isaan? Nami sitti mure tokkolle hin jiruu?» jedhe.

11 Isiin deebittee, «Gootta’a, nami tokkolle hin jiru» jette. Yesuus, «Anille si’itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin» jedhe.]8:11Woraabbiin durii hedduun kutaa (7:53-8:11) jiru hin qabanu; gariin Yoh. 21:24 n duubatti galchan; kuun Luq. 21:38 titti aansanee galchan; barreeffam goga’aa tokko Yoh. 7:36 tti aansee galcheera

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-