Yesuus Namicha Ballaa Te’ee Dhalate Tokko Fayyise
1 Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te’ee dhalateeru tokko dhagge. 2 Barattooti isaa, «Barsiisa’a, akka namichi kun ballaa te’ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo’o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane. 3 Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te’e. 4 Adoo guyya’aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. 5 Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe. 6 Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, 7 «Dhaqiitii haroo Siilo’aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo’aam» jechuun ka ergame jechu’u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi’ee dhufe.