1 Sodaa Israa’elootaatiif, balbalti seensuma karra qachaa Yeriko’oo cufantee eegamaa turte. Nami tokkolle seenuu yookiin bayuu hin dandeenne. 2 Mootiin Waan Maraa Iyaasu’uun, «Ilaa, ani qachaa Yeriko’oo, mootii isaatii fi loltoota isaa woliin harka keetitti dabarsee kenneera. 3 Atii fi loltooti teeti haga guyyaa jaa, guyyaa keessatti yennaa tokko qachaa Yeriko’oo gogeessaan mara’a. 4 Hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole’ee torba qabattee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deentuu ti. Guyyaa torbeesso’ootitti hayyooti tultullaa afuuttuun, atii fi loltooti teeti qachaa san yennaa torba cinaa mara’a. 5 Isaan qoonqoo tultulla’aa adoo wol irraa hin kutin, tultullaa yennaa afuufanuun dhageettane, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee iyyituu ti. Achiin duuba dalleenni dhaka’aa ka qacha’aa hin jiga; kolbaan sun nami tokkoon tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha’aa seenuu ti» jedhe.
6 Iyaasuun ilmi Nunii hayyoota waamee, «Saanduqa Gondooro’oo fuudha’aatii, isin hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole’ee torba qabadha’aatii Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deema’a» jedhe. 7 Inni kolba’aan, «Deema’aatii, qachaa gogeessaan marsa’a; worri meya lolaa hidhate Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deemuu ti» jedhe.