28 Ergantichi Waaqaa gara isi’ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si’iif te’u; Goottaan si woliin jira!» isi’iin jedhe.
29 Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte. 30 Ergantichi Waaqaa isi’iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. 31 Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan.