Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 1

Faaruu Maariyaami’ii Ta Galataa

46 Maariyaam:

«Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;

47 ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.

48 Inni garbittii ifii

gad aantuu qaabateera.

Ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.

49 Waaqi dande’aan waan guddoo naaf godhe.

Maqaan isaalle woyyicha.

50 Marartiin1:50Marartiin: Naasuun isaa worra isa sodaatuuf

dhalootaa haga dhalootaa ti.

51 Inni dandeettuu irree1:51Irree: Hirree ifii mudhisee,

worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse.

52 Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.

53 Worra beelowe waan dansa’aan quussee,

dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.

54,55 Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabatee,

marartii ifiitiin garbicha ifii Israa’el gargaareera» jette.

Veja também