Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Luqaasii 1

59 Guyyaa saddeetesso’oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba’aatiin, Zakaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane. 60 Haati isaa ammoo, «Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba» jette. 61 Isaan isi’iin, «Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru» jedhane. 62 Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane. 63 Zakaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane.

Veja também