Raaga Zakaariyaas Dubbate
67 Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee,
68 «Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef,
Goottaan Waaqi Israa’elii galatoomuu!
69 Sanyii Daawitii tajaajilaa ifii irraa,
fayyisaa jabaa nu’uuf kaaseera.
70 Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee,
71 diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera.
72 Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi
gondooroo woyyittii ifii qaabate.
73-75 Bara le’ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma’aa fi
balchumma’aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale.
76 Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana’aa hin jedhanta,
karaa Gootta’aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta.
77 Kolbaan Waaqaa araara cubbu’uu kennamuun,
beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta.
78 Waaqi keenna marara’aa fi gadhaa laafa’a.
Inni aduu fayyinnaa nu’uuf hin baasa.
79 Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du’aa keessa jiru maraaf hin issa;
miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage.