Worri Torbaatamii Lamaan Addee Dhaqanee Deebi’ane
17 Worri torbaatamii lamaan gammada gudda’aan deebi’anee dhufanee, «Goottaa, yennaa nuuti maqaa keetiin ajajne durriisotille nu’uuf ajajamane» jedhaneen.
18 Yesuus deebisee, «Seexanni akka balaqqeetti’ii ol-gubba’aa bu’uun dhagge. 19 Ani akka isin dhudhuufa’aa fi makka10:19Makka: Gaadduu, qaajjibbuu irra ideentanu, hunna diinotaa maralle akka injifattanu baallii isiniif kenneera; womaa isin hin miidhu. 20 Te’uu malee, maqaan keessan ol-gubba’atti waan barreeffameef gammada’a malee, ayyaanni hamaan waan isiniif ajajameef hin gammadina’a» isaaniin jedhe.
Yesuus Gammade
(Mat. 11:25-27; 13:16,17)