Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 10

30 Yesuus deebisee, «Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko’oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme. 31 Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare. 32 Nami gosa Lewwi’ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare. 33 Nami Samaariya’aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef. 34 Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti’ii fi daadhii woyni’ii naqee hidheef; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare. 35 Guyyaa itti aanu dinaara lama fuudhee namicha mana keessumma’aa eegutti kennee, Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi’u, kana caalaalle yoo baatteef, si’iif hin kennajedheen» jedhe. 36 Achiin duuba Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu’e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?» jedheen. 37 Beekaan Seera Muuse’ee, «Ka marareef» jedhee deebise.

Yesuus isaan, «Atille dhaqii, akkasuma tolchi» jedhe.

Veja também