11 Isin keessaa abbaa ka te’e, ilmi isaa [daabboo yoo gaafate dhakaa ka kennuuf eennu?]11:11Woraabbiin gariin yaada dalleya keessa jiru kana hin qabu Qurxummii yoo gaafate dhudhuufaa ka kennuuf eennu? 12 Yookiin yoo inni quuphaa gaafate qaajjibbuu hin kennaafii? 13 Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.