Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Luqaasii 12:22-34

22 Yesuus barattoota ifiitiin, «Maarre ani isinitti hima, jireenna keessaniif maan nyaanna yookiin nafa keessanitti maan uffanna jettanee hin yaadina’a. 23 Jireenni nyaata caalaa, nafi woyaa caalaa guddoo barbaachisa’a. 24 Me harraaqessoota ilaala’a: isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee hin galchanu; addee midhaan itti galchanu yookiin gootaraa hin qabanu; Waaqi isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota caaltan! 25 Isin keessaa nami tokko haga fedhe itti yaadee le’ii ifii diqqumalle ka dheereffatuu dande’u eennu? 26 Yoo waan diqqoo akkanaa kanaayyuu dandeettanee hin goone, maaf marroo waan dhibi’iitiif yaaddan ree? 27 Daraaroti attam akka guddatanu ilaala’a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraarota sanii dansittii hin uffanne. 28 Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa’a attam caalchisee uffisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo!

29 «Tanaaf ‹Maan nyaanna? Maan unna?› jedhaa yaadaan hin rakkatina’a. 30 Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba’aa hin beeka. 31 Addee tanaa, mootummaa Waaqaa barbaada’a, tun marti isiniif hin dabalanti.

Durummaa Ol-gubba’aa

(Mat. 6:19-21)

32 «Gumii diqqo’o, Abbaan keessan mootummaa ifii isinii kenniisaaf waan jaalateeruuf, hin sodaatina’a. 33 Waan qaddanu mara gurgura’aatii beesee worra hiyyeeyyi’iif kenna’a. Subba beese’ee ka hin dulloonne qopheeffadha’aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba’atti maffadha’a. 34 Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata» jedhe.

Tajaajiltoota Dammaxxuu

(Mat. 24:45-51)

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.