Yesuus Namicha Dhibameeru Tokko Fayyise
1 Guyyaa Sanbataa tokko, Yesuus sagalee nyaatiisaaf, gara mana sooreyyii Fariisaayota keessaa tokkochaa dhaqe; worri achi jiranu isa gaadiisatti jiraniiyyu. 2 Namichi nafi isaa iitoweeru tokko fuula isaa dura jiraayyu. 3 Yesuus, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisuun seeraa moo seera moti?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota gaafate. 4 Isaan ammoo cadhisane. Yesuus namicha qabee fayyisee galche.