Mammaassa Hoolee Baddee
1 Gaafa tokko worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin dubbii Yesuusii dhage’iisaaf gara isaa dhufane. 2 Fariisaayotaa fi barsiisoti Seeraa ammoo, «Namichi kun cubbaaleyyii hin fudhata, isaan wolille’een nyaata» jedhanee itti gungumane.15:2 Luq. 5:29-30 3 Tanaaf Yesuus itti mammaakee, 4 «Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu? 5 Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee, 6 gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‹Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada’a!› hin jedha. 7 Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi’iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi’e ol gubba’atti gammadi guddaan hin te’a» jedhe.