Mammaassa Ilma Badee
11 Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. 12 Maandhich abba’aan ‹Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu naaf kenni!› jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. 13 Guyyoota diqqa’aan duuba ilmi maandhich karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago’oo deeme; achitti le’ii badduu le’iisaan karra ifii mara bittinneesse.
20 «Maarre inni ka’ee gara abbaa ifii deebi’e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.
22 «Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha’aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida’aatii itti uffisa’a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya’a! 24 Ilmi kiyya kun du’eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera› jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.