Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Luqaasii 15:11-24

Mammaassa Ilma Badee

11 Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. 12 Maandhich abba’aan ‹Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu naaf kenni!› jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. 13 Guyyoota diqqa’aan duuba ilmi maandhich karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago’oo deeme; achitti le’ii badduu le’iisaan karra ifii mara bittinneesse. 14 Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate. 15 Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge. 16 Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine.

17 «Duuba inni gara yaada ifii deebi’ee, ‹Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du’aara. 18 Ka’ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan: Ani Waaqaa fi si yakkeera; 19 haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu jedhaan› jedhe.

20 «Maarre inni ka’ee gara abbaa ifii deebi’e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.

21 «Ilmi isaa ammoo, ‹Abbaa kiyya, ani Waaqaa15:21Waaqa: Hiikkaan gariin ol-gubbaa jedha fi si yakkeera. Haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle› jedheen.

22 «Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha’aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida’aatii itti uffisa’a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya’a! 23 Achiin duuba dardara coomaa fida’aatii qala’a, nyaataa jilifanna. 24 Ilmi kiyya kun du’eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera› jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.