Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 15

Mammaassa Ilma Badee

11 Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. 12 Maandhich abba’aan Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu naaf kenni!jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. 13 Guyyoota diqqa’aan duuba ilmi maandhich karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago’oo deeme; achitti le’ii badduu le’iisaan karra ifii mara bittinneesse. 14 Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate. 15 Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge. 16 Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine.

17 «Duuba inni gara yaada ifii deebi’ee, Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du’aara. 18 Ka’ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan: Ani Waaqaa fi si yakkeera; 19 haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu jedhaanjedhe.

20 «Maarre inni ka’ee gara abbaa ifii deebi’e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.

21 «Ilmi isaa ammoo, Abbaa kiyya, ani Waaqaa15:21Waaqa: Hiikkaan gariin ol-gubbaa jedha fi si yakkeera. Haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin mallejedheen.

22 «Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, Ariifadha’aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida’aatii itti uffisa’a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya’a! 23 Achiin duuba dardara coomaa fida’aatii qala’a, nyaataa jilifanna. 24 Ilmi kiyya kun du’eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameerajedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.

25 «Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi’ee manatti dhikaate weeddu’uu fi sirba dhage’e. 26 Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, Maanti maan te’e?jedhee gaafate. 27 Tajaajilaan deebisee, Obboleessa keetittuu deebi’ee gale; waan inni nageyaa fi fayya’aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiisejedheen. 28 Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate. 29 Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si’iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re’eeelle ijjumaa naaf kennitee hin beettu! 30 Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi’ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!jedhe. 31 Abbaan deebisee, Ilma kiyya, ati yennaa mara na woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti. 32 Obboleessi keeti kun ammoo du’eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qannajedheen» jedhe.

Veja também