20 «Maarre inni ka’ee gara abbaa ifii deebi’e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.
21 «Ilmi isaa ammoo, ‹Abbaa kiyya, ani Waaqaa15:21Waaqa: Hiikkaan gariin ol-gubbaa jedha fi si yakkeera. Haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle› jedheen.
22 «Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha’aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida’aatii itti uffisa’a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya’a! 23 Achiin duuba dardara coomaa fida’aatii qala’a, nyaataa jilifanna.