Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 15

4 «Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu? 5 Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee, 6 gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada’a!hin jedha. 7 Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi’iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi’e ol gubba’atti gammadi guddaan hin te’a» jedhe.

Veja também