Namicha Dureessaa Fi Alaazar
19 «Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo’oo uffataa, guyyaa mara qananumma’aan le’u tokko jira. 20 Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureessichaa dura irkateeraayyu. 21 Inni waan qorii namicha dureessichaa irraa harca’e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti. 22 Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureessichille du’ee awwaalame. 23 Inni qilee16:23Qilee: Addee worri du’e wolitti qabamu keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago’otti Abrahaam dhagge; Alaazarille cinaa isaatitti dhagge. 24 Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe’a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne’ee naa ergi› jedhee waammate.
25 «Abrahaam deebisee, ‹Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabadhu; Alaazar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta. 26 Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira› jedheen. 27 Namichi dureessichi ammoo, ‹Abrahaam, yoona akka Alaazar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha. 28 Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eeggachiisuu ti› jedhe.
29 «Abrahaam deebisee, ‹Isaan Muuse’ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage’anuu ti› jedhe. 30 Achiin duuba namichi dureessichi, ‹Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du’aa ka’ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi’an› jedhe. 31 Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse’ee fi raagota dhage’uu yoo dhabane, yoo nami tokko du’aa ka’elle hin dhugeeffatanu› jedheen» jedhe.