Publicidade

Lucas 18

Mammaassa Haadha Hiyyeessaatii Fi Abbaa Mura’aa

1 Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhanne barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee: 2 «Abbaan mura’aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessine tokko qachaa tokko keessa jira. 3 Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna’aan gara isaa deddeebi’aa, Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa naaf murijedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti. 4 Abbaan mura’aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle, 5 haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa na hin hifachiinne isi’iif hin murajedhee ifiin dubbate» jedhe. 6 Goottaan, «Waan abbaan mura’aa jallaamessi sun jedhe dhage’aa! 7 Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan qarqaariisaaf hin hancaaraa? 8 Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te’uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?» jedhe.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_23-13-58-