Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 18

Yesuus Kadhatticha Ballaa Tokko Fayyise

35 Yesuus Yeriko’otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee’ee kadhatiisatti jiraayyu. 36 Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage’ee, waan te’iisatti jiru gaafate. 37 Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane. 38 Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawitii na marari!» jedhee iyye. 39 Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawitii, na marari!» jedhee iyye.

40 Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate, 41 Yesuus «Maan akka ani si’iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate.

Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe.

42 Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen. 43 Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.

Veja também