Yesuus Ulfinna Gudda’aan Yerusaalem Seene
28 Yesuus tana dubbateen duuba isaaniin dura garuma duraa gara Yerusaalemii ol deeme. 29 Yennaa addee gaara ejersaa jedhantutti, Betfaage’ee fi Bitaaniya’atti dhikaate, barattoota ifii keessaa lamaaniin, 30 «Gara olloota isiniin duraa dhaqa’a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre’ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan. Hiika’aatii as fida’a. 31 Eennulle, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta’atti barbaada› jedha’aan» jedhe. 32 Maarre worri ergamane dhaqanee, akkuma Yesuus isaanitti hime teeteen dhaggane. 33 Adoo isaan ilmayyoo harre’ee san hiikiisatti jiranuu, worri harre’ee, «Maaf ilmayyoo harre’ee hiittan?» jedhee isaan gaafate.
34 Isaan deebisanee, «Gootta’atti barbaada» jedhane. 35 Achiin duuba isaan harree san gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii irra buusanee Yesuus irra teessisane.
36 Adoo Yesuus yaabbatee ideemuu, kolbaan woyaa ifii kara’atti atte. 37 Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggite maraaf gammaddee, qoonqoo guddo’oon, 38 «Mootiin maqaa Gootta’aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba’atti nageenni, olii ol-gubba’aatille ulfinni te’u!» jedhaa Waaqa galateeffatte.
39 Gumii san keessaa Fariisaayoti gariin, «Barsiisa’a, barattooti teeti akka cadhisanuuf xixi!» Yesuusiin jedhane. 40 Yesuus ammoo deebisee, «Ani isinitti hima, yoo isaan cadhisane, dhakooti hin iyyan» jedhe.