Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 2

Dhaloota Yesuusii

1 Yennaa san worri mootummaa worra Rooma’aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugusxoos ajaja baase. 2 Laakkossi kolba’aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya’aa te’eerutti te’e. 3 Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe. 4 Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te’eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda’aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe. 5 Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe.

Veja também