Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 2

25 Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le’u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa’elii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira. 26 Masiihii Gootta’aa adoo hin dhaggin akka inni hin duune Ayyaanni Woyyichi itti mudhise. 27 Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse’eetitti waan barbaachisu godhiisaaf daa’ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime. 28 Simoon daa’ima fuudhee habbaarratee,

29 «Amma, Goottaa, addii kennite guutteerta,

ana tajaajilaa keetille nageyaan addee dhuga’aa geessi2:29Addee dhuga’aa geessi: Na fudhadhu.

30,31 Fayyisiisa keeti ka ati fuula kolbaa maraa duratti qopheessite,

ilti tiyya dhaggiteerti.

32 Ifi worra Yihudoota hin te’initti mudhisu kun,

kolbaa teeti Israa’eliifille ulfinna hin fida» jedhee Waaqa galateeffate.

Veja também